Nagaa Booranaa: Xiinxala akkaataa Hawaasni Booranaa Nagaa itti Hubatu
Main Article Content
Abstract
Hojiileen dhimma nagaa irratti gaggeeffaman, qabiyyee bu’uura godhatanii dhihaatan irraa kan madde ibsaafi yaadrimee nagaa ogeeyyii walitti fidu kaa’uu hindandeenye. Kanarraa kan ka’e, tooftaa hanqinni kun itti guutamu sakatta’uu keessatti, jireenya qabatamaa hawaasaa bu’uura godhachuun murteessaa akka ta’eti dhihaate. Qorannoo kanaanis, Oromoo Booranaa irratti xiyyeeffachuun, ogafaaniifi duudhaalee Booranni jireenya guyya-guyyaa keessatti calaqqisiisuun hubannoo nagaa isaa xiinxaluun kaayyoo ijoodha. Hojiin kun gosa qorannoo akkamtaa ta’ee, maleenyaa sanyaabaan gaggeeffame. Malleen ragaa maddisiisuu daawwannaa, af-gaaffiifi marii garee xiyyeeffannooti hojiirra oole. Ragaaleen maddan, yaadrimee ‘fookiloorii dachaa’ keessaan xiinxalamani. Kunis, jechi nagaa jedhu caaccuu fookloorii ta’ee caaccuu biraan ammoo ibsi itti kenname. Haala kanaan, yaadrimeen nagaa Booranaa yayyaba irraa eegalee hanga jireenya guyyaguyyaa keessatti hojiirra oolutti wal qabatee deemuun hiika guutuu dabarsa. Jechi nagaa jedhu
yaadrimee bal’aa sonoota qabatamoofi killayyaa of keessaa qabudha. Jalqaba namni jecha nagaa jedhuufi sonoota jireenyi akka itti fufu gargaaran walabaan Waaqa irraa argate. Kun ammoo, kaattoo/dulloomanii du’uus sona nagaa taasisuuni. Nagaa waarawaaf, namni waan argate jabeeffachuufi hariiroo wal hubannaa Waaqa, nama akka isaafi uumama kaan faana qabaachuuti irraa eegama. Gaaleen ‘nagaa Booranaa’ jedhus, bak-bu’ee adeemsa jireenya keessa jiru ibsuuf tajaajila. Walumaagalatti, Booranni hawaasa beekmtaaa nagaa irratti hubannoo ifa ta’e qabuufi ittiin jiraatudha. Kanaafuu, dhimma nagaan wal qabatee ibsaafi yaadrimee waalta’aatti dhufuuf jireenya qabatamaa hawaasaa irratti xiyyeeffachuun furmaata akka ta’e yaada hojii kanaati.