Waamicha Araaraafi Waloomaa: Xiinxala Ergaawwaniifi Fakkoommii Sirba Galaanaa Gaaromsaa- “Duraanuu”

Main Article Content

Ashannaafii Balaay
Lachiisaa Fayyeeraa

Abstract

Qorannoon kun humna sirboonni Oromoo dhimmoota hawaas-siyaasaa sabichaa dhiyeessuu
keessatti qaban xiinxaluu irratti fuulleffata. Kaayyoon ijoo qorannichaas ergaawwan gama
waloomaafi araaraa sirba Galaanaa Gaaromsaa „Duraanuu‟tiin dabarfaman xiinxaluufi
akkaataa isaan ittiin dhiyaatan ibsuudha. Kaayyoo kana galmaan gahuuf mala qorannoo
akkamtaa saxaxa addeessaatti dhimma bahame. Ragaaleen qabiyyee walaloofi suursagalee
irraa walitti qabaman hiika aadaa, galumsa hiika dubbisaafi hiika kallattii jecha irraa
fudhatamuun gadifageenyaan dubbisuun hiikkoon itti kenname. Kanaafuu, sirbichis ta‟e hafeen
sirbichaa akkaataa kaayyoo qorannoo galmaan ga‟anitti fudhataman. Xiinxala ragaalee
taasisuufis galumsa hafeetti dhimma bahamee jira. Haala kanaan yaaxxinnoonni sadii: qeeqa
haaraa, galumsa hawaasummaafi deebii dubbistootaa waloon xiinxala ragaaleef dhimmi itti
bahamee jira. Xiinxala taasifame irraas argannoon adda baafames atakaroon hooggantoota
Oromoo walooma Oromootti danqaa ta‟us, egeree Oromoof falli araaraafi tokkummaa ta‟uu
akeeka. Waamichi waloomaa dhiyaate dammaqiinsa ofiifi warra biroo adda baasuu (nuyiifi
isaan) bu‟uureffata. Miidhamni waloo yaadannoo waloo uumee diddaan kaleessaa akka
hindagatamne taasise. Kun immoo tokkummaan dhaloota egeree cichooma sabaa ta‟uu ergaan
sirba kanaa akeeka. Sirbi kun kaayyoon Oromoo sirna ganamaatti deebi‟uun ijaaruufi bakki
handhuura Oromoo ta‟e, Finfinneen, iddoo walgeettii ta‟uu ibsee jira. Karaa suursagaleenis,
fakkoommii bineensotaan walganuufi walhudhuu irra iftoominaan rakkoo waloo hiikkachuun
akka barbaachisu akeeka. Walumaagalatti, sirbi kun akkaatummaan fakkoomii aadaan
dabaalamee, qabiyyeen immoo quuqama sabaa wiirteffatee fedhii sabni waloomaafi araaraaf
qabu dhiheessa. Kanarratti hundaa‟uun qorattoonni hedduminni sagalee sirboota Oromoo
keessaa dhagahamanii dhimma qorannoo dirree qorannoo garagaraa ta‟uu akeeku.
Jechoota Ijoo: Araara, Finfinnee, Oromoo, sirba, yaadannoo waloo, walooma

Downloads

Download data is not yet available.

Article Details

How to Cite
Balaay (PhD, A., & Lachiisaa Fayyeeraa. (2024). Waamicha Araaraafi Waloomaa: Xiinxala Ergaawwaniifi Fakkoommii Sirba Galaanaa Gaaromsaa- “Duraanuu”. Gadaa Journal, 7(1), 35-52. Retrieved from https://ejhs.ju.edu.et/index.php/gadaa/article/view/5248
Section
Articles
Author Biographies

Ashannaafii Balaay , Damee Barnoota Afaan Ingiliziifi ogbarruu, Yuunivarsiitii Jimmaa

Damee Barnoota Afaan Ingiliziifi ogbarruu, Yuunivarsiitii Jimmaa

Lachiisaa Fayyeeraa, Damee Barnoota Afaan Oromoofi ogbarruu, Yuunivarsiitii Bulee Horaa

Damee Barnoota Afaan Oromoofi ogbarruu, Yuunivarsiitii Bulee Horaa