Taateewwan Qoricha Aadaa Biqiltootarraa Hojjetaman irratti Miidhaa Geessisan: Godina Qellam Wallaggaa

Main Article Content

Wayyituu Itichaa

Abstract

Qorannoon kun Godina Qellam Wallaggaatti taateewwan qoricha aadaa irratti miidhaa fidan
xiinxaluu irratti kan xiyyeeffateedha. Oromoon Qellam Wallaggaa bara dheeraaf qoricha aadaatti
fayyadamuun dhukkuboota garaa garaa irraa hanga dhukkuboota haala salphaan hinfayyamnetti
ittiin of fayyisaa turaniiru. Haa ta’u malee, yeroo ammaa kana keessatti haalli itti fayyadama qoricha
aadaa isa durii irraa haphachaa dhufuun badiisaaf saaxilamaa jira. Osooo kana ta’ee jiruu kallattii
kanaan qorannoon ga’aan kanirratti adeemsifame hinjiru. Kanaafuu, kaayyoon qorannoo kanaa
gochaalee qorichi aadaa akka badiisaaf saaxilaman addaan baasanii xiinxaluun dhalootaaf haala
kamiin darbuu akka danda’u hawaasaaf hubannoo qooduudha. Malli qorannoon kun ittiin
adeemsifame mala akkamtaati. Qorannoo kana keessatti maddi ragaa maanguddoota ogeessota
qoricha aadaa qopheessuun beekaman, namoota 20 hawaasa keessaa muuxannoofi hubannaa
dhimma kana irratti qaban iddattoo kaayyeffataatiin filachuun, afgaaffii waliin taasisuuni.
Akkasumas, barruulee bifa barreeffamaan dhimma qorannoo kanatti dhihaatan gargaarameera.
Qorannoo kanaan dhiibbaaleen amantii, mootummoota darbanii, mancaatiin biqoloota irratti
raawwatan, ogeessoti qoricha aadaa dhaloota dhufuuf ogummaa kana qooduuf fedhii gahaa
dhabuu, hawaasi ilaalcha gaarii qoricha aadaaf dhabuun isaan ijoodha. Rakkoowwan kanneeniifis
hawaasi ammayyummaa duukaa bu’ee qoricha aadaaf ilaalcha badaa sirreeffachuu akka qabu
hubannoo kennuun barsiisuu, ogeessoti fedhii isaanii guutuun dhalootaaf oguma kana akka dabrsan
hubachiisuun yaadi akka furmaataatti kaa’ameera.
Jechoota Ijoo: Aadaa, biqilaa, fayyaa, ogeessa, qoricha
---------------------------------------------------------------------

Downloads

Download data is not yet available.

Article Details

How to Cite
Itichaa, W. (2024). Taateewwan Qoricha Aadaa Biqiltootarraa Hojjetaman irratti Miidhaa Geessisan: Godina Qellam Wallaggaa. Gadaa Journal, 7(1), 75-87. Retrieved from https://ejhs.ju.edu.et/index.php/gadaa/article/view/5244
Section
Articles
Author Biography

Wayyituu Itichaa, Yuunivarsiitii Wallaggaa Qorattuu Dhaabbata Qorannoo Oromoofi Afroo-Eshiyaawaa

Yuunivarsiitii Wallaggaa Qorattuu Dhaabbata Qorannoo Oromoofi Afroo-Eshiyaawaa