Sabboonummaa Aadaa Akka Mil’uu Kaleessaatti: Walooma, Diddaa Aadaafi Ce’umsa Hawaasaa, Asoosamoota Oromoo Filataman Keessatti

Main Article Content

Lachiisaa Fayyeeraa
Ashannaafii Balaayi
Ayyalaa Kabbadaa

Abstract

Kaayyoon qorannoo kanaa asoosamoota Oromoo filataman keessatti sabboonummaan aadaa
akkamitti akka calaqqisu xiinxaluudha. Kaayyoo kana galmaan gahuuf mala qorannoo akkamtaan
ragaaleen madda jalqabaa qabiyyee hafeef seenessama asoosamootaa (Godaannisa, Yoomi Laataa?
Burreen Bifa Tokko Mitifi Dibaa)fi kan lammaffaa immoo ragaalee qabatamoo bu‟uura yaaxxinaa
qabaniifi dhimmoota siyaas-hawaasummaaf oolan dhimma itti ba‟amaniiru. Ragaaleen iddatteessuu
miticarraa-akkayyoon asoosamoota filataman irraa meeshaa funaansa ragaa sakatta‟a
dookimeentiin walitti qabamuun galumsa hafeen xiinxalaman. Xiinxalli taasifame Caayaa Yaaxxina
„Fakkoommii Dachee-Dubartii‟ kan bu‟uureffate yoo ta‟u, sabboonummaan aadaa dhiyaate
asoosamoota keessatti waltarrummaa dhiiraa-dubartiifi namaa-lafaa, akkasumas, eenyummaa waloo
Oromoo hangam akka mul‟isu xiinxaluuf hojiirra ooleera. Argannoon qorannichaas asoosamoota
filataman keessatti sabboonummaan aadaa mul‟istuu „nuyiifi isaanii‟fi, moggeeffamuu eenyummaa
Oromoos kan ittiin falmame ta‟ee dhiyaatee jira. Karaa biraa, dhiyaatinni sabboonummaa kun aadaa
waloo tiksee dhaloota dhaalchisuu irratti kan fuulleffate ta'uu adda baafameera. Dabalataanis
xiinxala taasifameen sabboonummaan aadaa safuufi safeeffannaa namfakkiileen hordofaniin,
carraaqqiiwwan isaan dhugaa ganamaafi nagaa tiksuuf taasisaniifi hariiroo akka malee (namaanamaafi,
namaa-lafaa) safuun Oromoofi kan isarraa gore mul'ifameera. Walumaagalatti,
asoosamoonni filataman sabboonummaa aadaan kan ijaaramaniifi mil'uu duudhaa kaleessaa irratti
hundaa'uun sabboonummaa kan qajeelchan yoo ta'an, raawwilee jilaan eenyummaa waloo ijaaruu,
aadaa tursiisuu, falmii diddaa aadaa taasisuufi ce'umsa hawaasaa mirkaneessuu irratti kan
xiyyeeffatan ta‟uu hubatameera. Argannoo kanarraa ka‟uunis dhimmi sabboonummaa aadaa
ogbarruu Oromoo keessatti dhiyaatu kallattii xiyyeeffannoo qorannoo akka ta‟uu qabu qorannoon
kun akeekeera.

Downloads

Download data is not yet available.

Article Details

How to Cite
Fayyeeraa, L., Balaayi, A., & Kabbadaa, A. (2024). Sabboonummaa Aadaa Akka Mil’uu Kaleessaatti: Walooma, Diddaa Aadaafi Ce’umsa Hawaasaa, Asoosamoota Oromoo Filataman Keessatti. Gadaa Journal, 7(1), 88-104. Retrieved from https://ejhs.ju.edu.et/index.php/gadaa/article/view/5241
Section
Articles
Author Biographies

Lachiisaa Fayyeeraa, Damee Barnoota Afaan Oromoofi Ogbarruu, Yuunivarsiitii Bulee Horaa

Damee Barnoota Afaan Oromoofi Ogbarruu, Yuunivarsiitii Bulee Horaa

Ashannaafii Balaayi, Damee Barnoota Afaan Ingiliziifi ogbarruu, Yuunivarsiitii Jimmaa

Damee Barnoota Afaan Ingiliziifi ogbarruu, Yuunivarsiitii Jimmaa

Ayyalaa Kabbadaa, Damee Barnoota Afaan Oromoofi Ogbarruu, Yuunivarsiitii Bulee Horaa

Damee Barnoota Afaan Oromoofi Ogbarruu, Yuunivarsiitii Bulee Horaa