Xiinxala Caasaa Hiibboowwan Oromoo Godina Qellem Wallaggaa Aanaalee Filatamanii
Main Article Content
Abstract
Kaayyoon bu’uuraa qorannoo kanaa caasaa caasimaa (syntactic structure) hiibboowwan Oromoo Godina Qellem Wallaggaa aanaalee filatamanii xiinxaluudha. Kaayyoo qorannichaa galmaan gahuuf mala qorannoo akkamtaatu hojiirra oole. Qorannichaaf mala iddatteessuu miti-carraa keessaa tooftaa kaayyeffataa kan dhimma itti bahamedha. Qorannoo kana gaggeessuuf ragaaleen funaanaman madda tokkoffaafi lammaffaa irraa yoo ta’u, malli ragaaleen kunneen ittiin funaanaman immoo afgaaffii gamisaan caaseffamaati. Sababiin malli kunfilatames, maddi ragaalee tokkoffaan hibboo kallattiin afgaaffiidhaan maanguddoota irraa kan funaaname waan ta’eefi. Dabalataan, ragaalee maddi lammaffaan kan funaaname xiinxala dookimentii Waajjira Aadaafi Tuurizimii dhimmoota ogafaan Oromoo irratti barreeffamaan kuufaman irraati. Argannoowwan qorannichaan bira ga’ames, hiibboowwan Oromoo caasaa caasimaa salphaa qaban hiibboowwan hima tokkoon yookiin lamaan gaafatamanii jecha tokkoon yookiin gaalee tokkoon deebii kan argatan ta’uudha. Hiibboowwan caasaa kanaa yaada waliif faallaa/lakkisaa (oppositional) yookiin yaada waliif eeyyessaa (non-oppositional) agarsiisu. Dabalataanis, hiibboowwan Oromoo caasaa caasimaa xaxamaa qaban hiibboowwan hima tokkoon gaaffii gaafatamanii deebii lamaa ol argatan, himoota lamaa oliin gaafatamanii deebii lamaa
ol argatan akkasumas himoota lamaa oliin gaafatamanii jecha tokkoon deebii argatan ta’uun hubatameera.