Qaaccessa Caasaa Weedduu Oromoo Yoomessa Tika Loonii: Akka Aanaa Jalduutti
Main Article Content
Abstract
Qorannoon kun Qaaccessa Caasaa Weedduu Oromoo Yoomessa Tika Loonii aanaa Jalduurratti xiyyeeffata. Kaayyoon ijoo qorannichaas caasaa walaloo weedduu yoomessa tika looniikan akka Aanaa jalduutti beekkaman funaanuun qaaccessuudha. Kaayyoo kana milkeessuuf ammoo walaloon weedduu yoomessa tika loonii hawaasa Oromoo aanaa Jalduurraa mala iddatteessuu akkaayyoofi darbaa dabarsaatiin foo‟aman irraa funaanameera.Odeeffannoo kanas malleen funaansa ragaa af-gaaffii gamisaan caaseffamaafi marii garee xiyyeeffataatiin funaanamuun caasaa isaanitiin qoqqoodamuun mala xiinxala ragaa akkamtaatiin xiinxalamaniiru.Adeemsa xiinxala ragaa keessatti yaadiddama caasessamaatti dhimma bahuun caasaan walalooweedduu yoomessa tikaloonii xiinxalameera.Bu‟uuruma kanaan walaloon weedduu yoomessa tikaloonii tokko bo‟oowwan afurirraa kan ijaaramu ta‟uu, bo‟oowwan tokkoffaafi sadaffaan baay‟ina birsagootaan yommuu walgitan bo‟oowwan lammaffaafi arfaffaan baay‟ina birsagaatiin kan wal gitan ta‟uun hubatameera. Yeroo ammaa weedduun yoomessa tikaloonii hawaasa Oromoo aanaa Jalduu biratti laafuufi sadarkaa dagatamuurra gahuunsaa bira gahameera. Laafuufi dagatamuu weedduu yoomessa tika loonitiif sababni dhiibbaa amantii, siyaasaa, ammayyummaa, teekinoolojiifi dhiphachuu lafa margaa ta‟uu argannoon qorannichaa ni mul‟isa. Argannoowwan armaan oliitiif, yaadni furmaataas kaa‟ameera.