Fuulleffannaa Teeknikaa Walaloowwan Zalaalam Abarraa
Main Article Content
Abstract
Qorannoon kun xiinxala fuulleffannaa teeknikoota walaloolee Zalaalam Abarraa filataman irratti xiyyeeffata. Waloon kun finna ogwalaloo Oromoo ammayyaatiif gumaacha guddaa nama taasise haa ta‟u malee, hojiileen isaafi waloolee Oromoo kaanii xiyyeeffannaa qeeqa saayinsawaa hinarganne. Keessumaa teeknika walaloo irratti fuulleffachuun qoranoon gabaafamee maxxansa argate hinjiru. Qaawwa kana bu‟uura godhachuun barruun kun walaloolee Zalaalam keessaa afur filachuun dayeessa akkaatummaa fayyadamee xiinxala teeknikaa taasisuurratti fuulleffate. Walalooleen filataman Malli Maali, Maraadhu Namana, Eeyyeefi Ana Anaafi An kan jedhaman yoo ta‟u fuulleffanna teeknikaa bu‟uura godhachuun mala akkayyootiin filatamaniiru. Walaloolee filataman kanas dayeessa akkaatummaa hordofuun mala xiinxala hafee gadi fagoom xiinxalamaniiru. Bifuma kanaan, walalooleen xiinxalaman teeknikoota suuressa miireffannaa, mala seenessa ija nam tokkoffaa, marmaartuulee gosa adda addaafi fayyadama addaa jechootaa irratti akka fuulleffatan adda baafameera. Teeknikoonni dhimma itti ba‟aman kunis jabina ergaalee waloloowwan kanaa daran dabaluufi miidhagina miiraafi qalbii dubbistootaa dhuunfatu gonfachiisuudhaaf hojiirra akka oolfaman adda baafameera. Xiinxala taasifame keessatti akkaataan waloon kun teeknika marmaartuufi filannoo jechootaa itti gargaarame addatti ol ba‟ee mul‟atu yoo ta‟u akkaatummaa addaa waloo kanaa kan mul‟isudha. Kana malees, hariiroon fayyadama teeknikaafi ergaalee walaloo gidduu jiru jabaafi walunataa ta‟uun hubatameera. Finna qorannoo ogbarruu Oromoo gama akkaatummaan jiru jajjabeessuuf walaloolee waloo kanaafi kanneen biroo qorachuun murteessaa ta‟uu qorannoon kun kallattii kaa‟a.