Akkaataa Himiinsa Durdurii Oromoo Tuulamaa: Hurrubbiirratti kan Xiyyeeffate

Main Article Content

Dastaa Dassaalany

Abstract

Qorannoo kana gaggeessuuf ka‟uumsi sababoota lama. Sababni duraa, adeemsa qorannoo kanaan duraa keessatti durduriidhaaf malee namoota durdurii himan ilaalchisee xiyyeeffannaa ga‟aan laatamuu dhabuu isaati. Sababni lammataa hurrubbiin namoonni yemmuu dudurii himan raawwatan baay‟ee kan nama dinquufi kan qoratamuu qabu ta‟uu isaati. Kanuma bu‟uura godhachuudhaan kaayyoo gooroon qorannoo kanaa hurrubbii namoonni durdurii himanagarsiisan qaaccessuudha. Kaayyoo kana galmaan ga‟uufis akaakuuwwan qorannoo jiran keessaa qorannoon qulqulleeffataa/ akkamtaa bu‟uureffatamee jira. Odeeffannoo raga waliiti qabuuf malli iddattoo akkayyoofi iyyaafannoo hojiirra oolanii jiru. Teekiniikoonni odeeffannoo funaanuuf oolan afgaaffiifi daawwannaadha. Maleenyaan qorannichi bu‟uura godhate ammoo seenessaa kan giddu-galeeffate. Argannoon qorannichaa akka mul‟isutti namoonni durduriiyemmuu himan hurrubbiidhaan (raawwii qabatamaa sochii qaama isaanitiin) deeggaramanii seenessu. Durdurii seenessamu keessatti qooddataan kan reebu yoo ta‟e seenessaanis harkaan akka rukutuuf qophaa‟eetti agga‟ama. Qooddataan kan lolee dubbatu yoo ta‟e seenessaanis nyaara guuree, ija babaasee, harka aboottifatee, hidhii ciniinnatee, agarsiisa. Dhimma nama kolfisiisus yoo ta‟e seenessaan seeqee agarsiisa. Raawwiin seenessitoonni agarsiisan kun kannamoota murtaa‟e qofarratti mul‟atu osoo hintaane namoonni durdurii seenessuu danda'an hundumtuu yemmuu raawwatan argina. Gochi kun durduriin dhihaatu sun akka dhama qabaatuufi ergaan sirriitti akka darbuuf faayidaa guddaa qaba. Kanaafuu, durdurii tursiisuuf hurrubbiin dhama durdurii qabate kunis akka walumaan turu viidiyoodhaan waraabanii kuusuudhaan olkaa‟uun murteessaa ta'a.

Article Details

Section

Articles

Author Biography

Dastaa Dassaalany, Yunvarsiitii Addis Ababaa

Yunvarsiitii Addis Ababaa

How to Cite

Dastaa Dassaalany
Akkaataa Himiinsa Durdurii Oromoo Tuulamaa: Hurrubbiirratti kan Xiyyeeffate. (2022). Gadaa Journal Barruulee Gadaa, 5(2), 34-47. https://ejhs.ju.edu.et/index.php/gadaa/article/view/4018

References