Xiinxala Akkaatummaa Weelluu Jaalalaa Oromoo Maccaa

Main Article Content

Margaa Abbabaa
Ashannaafii Balaay

Abstract

Qorannooon kun xiinxala akkaatummaa weedduu jaalalaa Oromoo Maccaarratti xiyyeeffata. Qorannoon akkaatummaa ogafaan Oromoo xiyyeeffannoo bal’aa dhabuun barruu kanaaf ka’umsa yoo ta’u, qorannichi qaawwa gama kanaan jiru guutuuf kan gaggeeffamedha. Haaluma kanaan, akkaataa weelluu jaalalaa sadarkaalee dhaamsagaa, caas-himaafi xiinhiikaatti mul’atan dayeessa akkaatummaa hordofuun mala akkamtaatti fayyadamuun xiinxalli gaggeeffameera. Adeemsa kana keessatti afeewwan akkaatummaa mul’isan ragaalee funaanaman keessaa maddisiisuun dhimma itti bahamaniiru. Bu’uuruma kanaan, akkaataan raawwiifi fayyadamni afaanii weelluu jaalalaa akkaatummaa kan gonfachiise ta’uun adda baheera. Raawwiin weelluu jaalalaa gareefi dhuunfaan kan dhihaatu ta’ee, sochiiwwaan qaamaa kanneen akka kunkummee, geelloo, shubbisaa, oltumeefi gadtumeen; geengoo naanna’uun ykn fuula walitti galagalchuun morma bitaafi mirgaa walbira dabarsaa haala hawwannaa qabuun dhihaata. Kunis meeshaalee muuziqaa kanneen akka dibbeefi kabaroo akkasumas ulullee, kiraafi ximboon dabaalamuun ykn meeshaalee muuziqaan ala kan dhihaatu ta’ee, ergaafi hawwannaa weelluu jechootaan ibsamaniif humna kan dabalu ta’uun bira gahameera. Gama fayyadama afaaniin xiinxalli gaggeeffame sadarkaalee gara garaatti mul’istootni akkaatummaa jiraachuu agarsiisa. Bu’uuruma kanaan, dhaamsagoonni (dubbifamaafi dubbachiiftuun) jalqabaa, gidduufi xumura jechootaa irratti irra-deddeebi’amuun bifa hawwataa ta’een ergaa dabarsuuf tajaajilarra akka oolfaman beekameera. Sirni bilbila sagalee hedduminaan qindoomina walfakkaatoo ‘ABAB’ kan hordofuufi darbee darbee bifa sududa qabuun ‘AAAA’ kan mul’atu ta’uunis adda baheera. Sadarkaa caas-himaatti qindaa’inni gaaleewwaanii kan walgitaniifi bal’inaan kallattii walfakkii, irra-deddeebbiifi walfaallaan dhihaataniiru. Qaacceessa gama xiinhiikaan adeemsifameen immoo jechoonni yookiin gaaleewwaan kallattii hiika sirriifi jechamootaan kan dhihaatan ta’ee, keessumaa teekinikoonni kanneen akka nameessaa, bakkee, iddoosaa, habalakaa, fakkeefi arbeessuun bal’inaan keessatti mul’achuu qoranichi nimirkaneessa. Kanaafuu, xiinxala gaggeeffamerratti hundaa’uun weelluun jaalalaa Oromoo Maccaa akkaatummaa bifa lamaan dabaalamuun ergaa kan dabarsu ta’uu adda baheera. Argannoo qorannichaa irratti hundaa’uunis xiixalli akkaatummaa gooroo afwalaloo Oromoo biroo irratti yoo gaggeeffame dhimma akkaatummaa bu’uuraan hubachiisuun akka danda’amu qorannichi ni akeeka.

Downloads

Download data is not yet available.

Article Details

How to Cite
Margaa Abbabaa, M. A., & Ashannaafii Balaay, A. B. (2022). Xiinxala Akkaatummaa Weelluu Jaalalaa Oromoo Maccaa. Gadaa Journal, 5(1), 53-76. Retrieved from https://ejhs.ju.edu.et/index.php/gadaa/article/view/3595
Section
Articles
Author Biographies

Margaa Abbabaa, 1Damee Barnoota Afaan Oromoofi Ogbarruu

Yuunivarsiitii Jimmaa

Ashannaafii Balaay, Damee Barnoota Afaan Ingliziifi Ogbarruu

Yuunivarsiitii Jimmaa