Xiinxala Gosoota Himootaa Mammaaksota Oromoo

Main Article Content

Girmaa

Abstract

Kaayyoon qorannoo kanaa gosoota himootaa mammaaksonni Oromoo ittiin dhihaatan xiinxaluudha.Kaayyoo kana galmaan ga’uuf immoo ragaalee xiinxala dookimentiirratti hundaa’etu mala qorannoo akkamtaatti fayyadamuudhaan xiinxalame.Kunis, jildiiwwan afur walumaagalatti tartiiba qubeedhaan mammaaksota 6981 qaban keessaa tooftaa iddatteessuu tasaa sirnawaatti (systematic random sampling method) fayyadamuudhaan mammaaksonni 1000 iddattoodhaaf filatame. Akka argannoon qorannichaa mul’isutti mammaaksonni Oromoo hanga marmaartii (frequency) isaaniitiin walcaalanis qoodama
gosoota himaa caasaafi faayidaadhaan jiran hundaan dhihaachuu kan danda’aniidha. Qoodama gosoota himaa faayidaadhaan jiran keessaa mammaaksonni hima himamsaadhaan dhihaatan %99.5 yookiin daran olaanaadha. Haata’u malee, mammaaksonni qoodama caasaadhaan: hima dachaa(%31.2), hima salphaa (%29.3), hima xaxamaadhaan (%28.9) dhihaatan immoo hanga marmaartii isaaniitiin walitti dhiheenya qabu.Kanamalees, mammaaksonni Oromoo jechoota 2 hanga jechoota 22 irraa ijaaramuu danda’anis giddugaleessaan jechoota 6.24 irraa ijaaramuu danda’u.Walumaagalatti, mammaaksonni Oromoo unka himaa guutuudhaan sadarkaa himaatti dhihaachuu danda’uun qorannoo kanaan adda baafamee jira.Haata’u malee, mammaaksa Oromoo irratti qorannoon sadarkaa himaatti dirree qorannoo xiinqooqaan geggeeffamuu qabu ammayyuu waan hedduutu hafa. Fakkeenyaaf, kannen akka duraaduuba jechootaa,hennaafi gosa isaa, akkasumas caasaa himaailaalchisee hayyoonni xiinqooqaa osoo ittiyaadanii gaariidha.


Downloads

Download data is not yet available.

Article Details

How to Cite
Addunyaa, G. G. (2022). Xiinxala Gosoota Himootaa Mammaaksota Oromoo. Gadaa Journal, 5(1), 22-37. Retrieved from https://ejhs.ju.edu.et/index.php/gadaa/article/view/3592
Section
Articles
Author Biography

Girmaa , Muummee Afaan Oromoofi Ogbarruu

Yuunivarsiitii Amboo