Xiinxala Dhiibbaa Ammayyummaan Safuu Oromoon Kabaja Namaafi Uffannaaf Qabu Irratti Geessisu: Magaalaa Amboorratti Kan Xiyyeeffate

Main Article Content

Gaaddisee Amsaaluu
Fiqaaduu Bayyissaa1

Abstract

Qorannoon kun dhiibbaa hammayyummaan Safuu Oromoon kabaja namaafi uffannaaf qabu Oromoo magaalaa Amboo irratti xiyyeeffachuun qoratame. Kaayyoo qorannichaa fiixaan baasuuf, mala qorannoo akkamtaa hojiirra oolee jira. Ragaan qorannichaaf barbaachisu madda ragaa tokkoffaa irraa kan walitti qabame yoo ta’u, isaanis jaarsolii biyyaa, hojjattoota waajira aadaafi turiizimii aanichaa, miseensota Afooshaa Maaddii Marmee, namoota uffata aadaa dhahan/ hojjataniifi namoota mana uffata aadaa magaalaa Amboo keessa jiran keessa hojjatan kanneen qomoon Oromoo ta’an turan. Maddoonni ragaa kunniin tooftaa akkayyoofi darbaa dabarsaan filtaman.Meeshaalee funaansa ragaa qorannoo kanaaf funaanuuf dhimma itti ba’ames daawwannaa, afgaaffiifi marii garee turan. Ragaa funaanames malleen akkamtaa keessaa mala addeessaafi hiikuutiin xiinxalame. Akka ragaa xiinxalame mul’isutti safuu Oromoon namaafi uffannaaf qabu kan durii caalaa kan yeroo ammaa gadi bu’aa kan ta’eefi sababni jijjiirama kana guddina saaynsiifi teekimooloojiin walqabatee ammayyummaa dhufe, siyaasa, amantaa, walitti hidhatinsa addunyaafi sabaahimalee garaagaraati. Keessummaa guddina saayinsiifi teekinooloojiin walqabatamee ammayyummaa yookiin qaroomina waanti jedhu hubannoo sirrii dargaggoonni aadaa isaaniirratti qaban dhabuun dhiibbaa akka malee safuu uummanni Oromoo namaafi uffannaaf qabu irraan ga’eera.Argannoowwan kana irratti hundaa’uun,yaadni furmaataa kaa’amee jira.Kanneen keessaas, safuun manaa waan jalqabamuuf maatiin ijjoollee isaanii akka safuu beekaniifi eegan/qaroomun of ta’uufi kan ofii fooyyessuu akka ta’e gorsuufi barsiisuu akka qaban, waajjirri aadaafi tuuriziimii maatiif hubannoo kennuu qabu.Akkasumas, hayyoonniifi beektonni safuu uummanni Oromoo qabu fakkeenya ta’anii agarsiisuun cinaatti dhimmaa kana bal’inaan qorachuu qabu.Safuun uummata Oromoo kun dhiibbaa ammayyummaa irraan ka’e badaa kan jiru waan ta’eef,safuu ummanni Oromoo qabu barsiisuufi gola seenaa ol kaa’uun barbaachisaadha.Kanaaf,calaqqeen uummata Oromoo afoolaan darbaa dhufe barreeffamaan ol kaa’amuu qaba.


 


 


 


 


 


 

Downloads

Download data is not yet available.

Article Details

How to Cite
Gaaddisee Amsaaluu, G. A., & Fiqaaduu Bayyissaa, F. B. (2021). Xiinxala Dhiibbaa Ammayyummaan Safuu Oromoon Kabaja Namaafi Uffannaaf Qabu Irratti Geessisu: Magaalaa Amboorratti Kan Xiyyeeffate. Gadaa Journal, 4(2), 83-109. Retrieved from https://ejhs.ju.edu.et/index.php/gadaa/article/view/3458
Section
Articles
Author Biographies

Gaaddisee Amsaaluu, Department of Afaan Oromoo and Literature

Ambo University

Fiqaaduu Bayyissaa1, Department of Afaan Oromoo and Literature

Ambo University