Qaaccessa Akkaataa Fayyadama Afaanii Sirboota Haacaaluu Hundeessaa Keessatti

Main Article Content

Margaa Abbabaa
Taaddasee Hirphaa

Abstract

Qorannoon kun akkaataa fayyadama afaanii sirboota Haacaaluu Hundeessaarratti
xiyyeeffate. Kaayyoo guddaan qorannoo kanaa akkataa fayyadama afaanii sirboota
Haacaaluu Hundeessaa keessatti mul’atan qaaccessuudha. Kaayyoo kana galmaan gahuuf
mala akkamtaa fi dayeessa bifeessummaatti dhimma baahame. Adeemsa kana keessattis
weelluulee Haacaaluu Hundeessaa qeenxeen weellifaman sadii filachuun qaacceessa
haasbarruu fi sakatta’a dokimantii fayyadamauun akkaataa itti fayyadama afaanii gama
irradeddeebii dhaamsagootaa, bilbila sagalee, malleen dubbii fi akkaataan teessuma
barreeffamaa walaloo mul’atan qaacceffamaniiru. Bu’uuruma kanaan firii qorannichaa
gama irra deddeebii walalichaan walqabatee dhamsagoonni dubbifamaa fi dubbachiiftuu
jalqabarraan, gidduu fi xumura bo’oowwan walaloo keessatti bal’inaan kan mul’atan
ta’uun adda baheera. Bilbilli sagaleelees xumura bo’oowwanii irratti (aa, bb, cc, dd...)
ta’uun kan mul’atanii fi darbee darbee (abab…) kan keessatti argaman ta’uun beekameera.
Akkaataa itti fayyadama malleen dubbiin walqabatees sirboota filataman keessatti atee,
habalaka, arbeessuu, mitihee, nameessuu, fakkoommii / mallattoon nimul’atu. Gama biraan
immoo akkaataa teessuma walaloo Haacaaluun walqabatee irradeddeebiin jechoota
bo’oowwaan walaloo adda addaa keessatti mul’ateera. Akkasumas, bilbilli sagalee darbee
darbee walsimachuu dhabuun nicaliqqisa. Ta’us, dhimmoonni akkasii kallattii barbaadameen
ergaa dabarfachuuf kan oolu ta’uu qorannichi adda baaseera. Kana malees, sirboonni
Haacaaluu ibsoota seenaa, eenyummaa fi kkf’n badhaadhoo waan ta’aniif ogeeyyiin ogumaa
qaawwa gama kanaan mul’atu haagutaniin yaboo qorannichaati.

Downloads

Download data is not yet available.

Article Details

How to Cite
Margaa Abbabaa, M. A., & Taaddasee Hirphaa, T. H. (2022). Qaaccessa Akkaataa Fayyadama Afaanii Sirboota Haacaaluu Hundeessaa Keessatti. Gadaa Journal, (Special/ma), 31-48. Retrieved from https://ejhs.ju.edu.et/index.php/gadaa/article/view/3448
Section
Articles
Author Biographies

Margaa Abbabaa, Yuunivarsiitii Jimmaa

Koolleejjii Saayinsii Hawaasaa fi Namoomaa

Taaddasee Hirphaa, Yuunivarsiitii Jimmaa

Koolleejjii Saayinsii Hawaasaa fi Namoomaa