Qaaccessa Qabiyyee Faaruu Loonii Hawaasa Oromoo Booranaa

Main Article Content

Abdulshakuur Ahimad
Alamuu

Abstract


Kaayyoon qorannoo kanaa qabiyyee faaruu loonii hawaasa Oromoo Booranaa qaaccessuudha.Kaayyoo kana fiixa baasuuf, qorataan mala qorannoo akkamtaatti dhimma bahuudhaan ragaalee qorannichaaf barbaachisan afgaaffii, daawwannaafi marii garee xiyyeeffannoo fayyadamuun walitti qabuun mala akkamtaan qaacceffaman.Argannoowwan qorannichaa akka muldhisanitti, faaruun loonii Oromoo Booranaa sirna mataa isaa kan qabuufi dhiiraafi dubartoonni gamtaan yookiin dhuunfaadhaan kanfaarfatan. Oromoon Booranaa faaruu loonii ittiin boohaaruuf, jaalala loon isaatiif qabu ittiin ibsachuudhaan alatti, dhimmoota siyaasaafi ilaalcha hawaasaa, diinagdee, aadaafi seenaa isaaatiin walqabatan irratti dhaloota haaraa barsiisuuf yookiin qaruuf itti fayyadamu. Haata‟uu malee, sababoota akka babaldhina amantiilee biyya alaa dhufanii, itti fayyadama meeshaalee teeknoloojii, akkasumas, jijjiirama haala jireenyaa dhaloota haaraa irraa kan ka‟e, loon faarfachuunOromoota Booranaa, keessattuu dhaloota haaraa, biratti akka aadaa boodatti hafaatti fudhatamaa dhufeera. Kanaaf, qorataan faaruu loonii kana walitti qabanii barreeffamaan akka kaa‟an, qabiyyee sirna barnootaa naannichaa keessatti akka galchaniifi qorannoo dabalataa dhimmicharratti baldhinnaan adeemsisuu akka yabootti kaa‟eera.


 


, , , ,


 


 

Downloads

Download data is not yet available.

Article Details

How to Cite
1Abdulshakuur AhimadA., & Disaasaa (PhD), A. (2021). Qaaccessa Qabiyyee Faaruu Loonii Hawaasa Oromoo Booranaa. Gadaa Journal, 4(1), 40-63. Retrieved from https://ejhs.ju.edu.et/index.php/gadaa/article/view/2871
Section
Articles
Author Biographies

Abdulshakuur Ahimad, Yuunivarsiitii Arsii

Yuunivarsiitii Arsii

Alamuu , Yuunivarsiitii Saayinsiifi Teknoloojii Adaamaa

Yuunivarsiitii Saayinsiifi Teknoloojii Adaamaa