Sakatta’a Seerlugaa Kitaaba Barattoota Afaan Oromoo Kutaa 11ffaa: Magaalalee Lama irratti Xiyyeeffate

Main Article Content

Tsahaay Baay‟isaa
Dr. Tashoomaa Balaayinee

Abstract

Kaayyoon qorannoo kanaa seerluga kitaaba barataa kutaa kudha tokkoffaa sakatta’uu irratti kan xiyyeeffateedha; irra caalaa haala hojiirra oolmaa isaa ilaaleen. Qorannoon kun manneetii barnootaa qophaa’inaa lama, Sarboofi Jimma keessatti geggeeffame. Iddattootni qorannochaa barattoota afurtamii shaniifi barsiisota shani. Ragaleenis daawwannoo dareefi seerluga sakatta’uudhaan funaaname. Firiin qorannoo kanaa akka agarsiisutti, barnootni seerlugaa saayinsii ta’uu isaafi caasaa ijaarsa dhamsagaa, qindoomina jechootaafi himaa akka ta’ee; adeemsa dubbiifi barreeffama aad-hawaasaa Afaan Oromoo hordofee kan qindaa’e ta’uu isaa mul’isa. Kitaaba barataa ilaalchisee qophiin isaa fooyya’aa, fakkiifi barreeffamni kan walqabateedha. Haata’u malee, hanqinootni akka ijaarsa himaa, dogoggora qubee, hanqina barreeffamaafi dogoggorri deebii gilgaalotaa ijoodha. Kanaaf, rakkoo walqabatiinsaafi tartiiba seerlugaa ilaalchisee mul’atan barsiisotni sadarkaa mana barumsaatti waliin mar’atanii sirreessanii barsiisuun furmaata ta’uu danda’a. Furmaatni yeroo dheeraaf oolu garuu, kitaaba barataa kana fooyyeessanii dhiheessuudha.

Downloads

Download data is not yet available.

Article Details

How to Cite
Baay‟isaa, T. B., & Dr. Balaayinee, D. T. B. (2021). Sakatta’a Seerlugaa Kitaaba Barattoota Afaan Oromoo Kutaa 11ffaa: Magaalalee Lama irratti Xiyyeeffate. Gadaa Journal, 4(1), 80-99. Retrieved from https://ejhs.ju.edu.et/index.php/gadaa/article/view/2867
Section
Articles
Author Biographies

Tsahaay Baay‟isaa, Kolleejjii Barnoota Barsiisotaa Jimmaa

Kolleejjii Barnoota Barsiisotaa Jimmaa, Muummee Afaan Oromoo

Dr. Tashoomaa Balaayinee, Damee Barnoota Afaan Oromoofi Ogbarruu

Yuniversiitii Jimmaa, Damee Barnoota Afaan Oromoo fi Ogbarruu