Qaaccessa Ga’umsa Qabiyyee Qorumsa Afaan Oromoo Barsiisaa Dareen Qophaaye: Waa’ee Mana Barumsaa Sad. 2ffa Ambootti, Kutaa 9ffaa

Main Article Content

Alamnash Bayyisaa
Fiqaaduu Bayyisaa
Mootummaa Hirpassaa

Abstract

Qorumsa barnoota afaanii keessatti safartuu bu’uuraa ta’ee barattoonni waan baratan hangam akka hubatan kan ittiin agarsiifamudha.Qorumsi qophaa’us qabiyyeewwan afaanii barsiifame san bu’uura godhachuu qaba.Qorumsi tokko ga’umsa qabaachuuf qabiyyeewwan sirnaan qophaayanii barsiisaman calaqqisiisuu qaba. Haaluma kanaan kayyoon qorannoo kanaa qaaccessa ga’umsa qabiyyee qorumsawwan barnoota Afaan Oromoo kutaa 9ffaabarsiisota dareetiin qophaa’anii baroota 2007-2009tti kennamanirratti xiyyeefata. Malli qorannoo kana keessatti dhimma itti bahame mala qorannoo ammamtaafi akkamtaati.Meeshaalee fuunaansa ragaa afgaaffiifi sakatta’a ragaagargaaramuun ragaalee kanneen akka silabasiifi kitaaba barnoota Afaan Oromoo kutaa 9ffaa, akkasumas qorumsa semisteera 1ffaafi 2ffabarnoota Afaan Oromoo kan yeroon qorannoo irratti xiyyeeffataman sakatta’uun ragaaleen gabatee kanaaf qophaa’e keessatti walitti qabamaniiru.Ragaaleen kanneen irratti hundaa’uun hangam qabiyyeewwan gurguddaa silabasii barnoota Afaan Oromoo kutichaa fi qorumsi barnoota Afaan Oromoo kutichaatiifabarsiisotaan qophaa’an akka walsiman ilaaluuf qaaccessameera. Firiiwwan qaaccessa ragaalee kanneen irraa qorumsawwan barnoota Afaan Oromoo kunniin ga’umsa qabiyyee kan hinqabne ta’u isaaniiti.Yaboon qorataas, barnoota Afaan Oromoo kutaa 9ffaabarsiisaa dareetiin wayita fuuladuraaf qophaa’an, qabiyyeewwan gurguddoo kitaaba barataa keessatti dhihaatan barsiifamuufi barsiisonnis kanuma gochaan raawwatamuu isaa mirkaneessuuf akka qopheessuu qaban kana agarsiisuta’uuqaba, kanjedhudha.


 


 


 

Downloads

Download data is not yet available.

Article Details

How to Cite
Bayyisaa, A., Bayyisaa, F., & Hirpassaa, M. (2020). Qaaccessa Ga’umsa Qabiyyee Qorumsa Afaan Oromoo Barsiisaa Dareen Qophaaye: Waa’ee Mana Barumsaa Sad. 2ffa Ambootti, Kutaa 9ffaa. Gadaa Journal, 3(No. 2), 82-104. Retrieved from https://ejhs.ju.edu.et/index.php/gadaa/article/view/2510
Section
Articles
Author Biographies

Alamnash Bayyisaa, Ambo Secondary School

Ambo Secondary School

Fiqaaduu Bayyisaa, Department of English Language and Literature, PhD Candidate, UNISA3

Ambo Unibersity

Mootummaa Hirpassaa, Department of Afan Oromo and Literature, PhD scholar at UNISA

Ambo University